Udemy
    •  
    •  
    •  
    •  
    •  
    •  
    •  
    •  
Turn what you know into an opportunity and reach millions around the world.
Learn More
Your cart is empty.
Keep shopping
Barnoota Qubee Afaan Oromoo Da'immaniif

Barnoota Qubee Afaan Oromoo Da'immaniif

Qubee Afaan Oromoo Da'immaniif, Qubee Dubbifamaa, Qubee Dubbachiiftuu, Qubee Baaqqee, Qubee Dachaa ni baratu
Created byMisgana Gedafa
Last updated 2/2025
Afrikaans

What you'll learn

  • Da'imman Afaan isaanii baranii Dubbisuu fi dubbachuu akka qabaniif waan bu'uuraa qabsiisuun of danda'anii akka afaan isaanii baran gochuu
  • Maatiin Daa'immanii Daa'imni isaanii akka Afaan isaanii baraniif yeroo yeroo argatanitti Daa'imman akka hordofan qabsiisuu qabu
  • Ijoolleen da'immanii afaan isaanii yoo baran dhiibbaa homaayyuu waan hin qabneef jajjabeessuu
  • Daa'imman Qubee lakkaa'uu irraa hanga sagalee uumuun jechoota walitti fiduun dubbisuu kitaabilee afaan Oromoon barreeffaman sirritti dubisuu akka qaban gargara
  • Manaajerri haala baruu fi barsiisuu ni hooggana

Course content

1 section12 lectures2h 3m total length
  • Seensaa fi Barnoota Afaan Oromoo sadarkaa Jalqabaa17:37
  • Qubeewwan Qeenxee 26tu jira17:19
  • Qubee Dachaa 7n12:33
  • Qubee Dubbachiiftuu fi Qubee dubbifamma10:07
  • Qubee Dubbachiiftuu6:33
  • Qubeewwan Gurguddaa fi Qubeewwan Xixiqqaa5:41
  • Sagaleewwan19:03
  • Sagaleewwan gababaa fi dheeraa8:34
  • Jechoota Sagaleewwan gabaabaa irraa uumaman5:17
  • Jechoota Sagaleewwan dheeraa irraa uumaman10:55
  • Jechoota Sagaleewwan gam tokkoon gababaa gam biraan dheeraa irraa uumaman4:33
  • Jechoota Sagaleewwan sadii irraa uumaman5:28

Requirements

  • Daa'imman akka barnoota kana hordofaniif maatiin qajeelchuu qofa qabu
  • Yeroo Fudhatanii Shaakaluu Qabu
  • Muuxannoon Addaa barbaachisu hin jiru

Description

Afaan Oromoo Afaan saba bal'aatiin dubbatamuu fi afaan saayinsii fi Tekinoolojii waan ta'eef da'immanis ta'ee nama barachuu barbaadeef kan qophaawedha. Afaan kun haala addaan guddachaa waan jiruuf warreen baruunii fi ittiin hojjechuu barbaadan hundi sirriitti hordofuun ittiin dubbachuu fis ta'ee ittiin barreessuuf itti fayyadamu. Keessumaayyuu daa'imman keenya oldeemoon yeroo ammaatti sirritti barnoota afaan isaanii hordofuun baratanii mana barumsaa keessattis salphaatti dorgomaa akka ta'aniif isaan fayyada. Afaan isaaniin xalayaa irraa eegalee hanga barruulee gurguddaatti waan barbaadan salphaa'umatti barreessuuf isaan fayyada jechuudha. Maatiin kana sirriitti xiyyeeffannoo itti kennanii daa'imman isaanii akka barnoota kana hordofan taasisuun barbaachisaadha. Barnootni kun bal'inaan Qubee lakkaa'uu irraa hanga seerota afaanii seeraan hordofuun jecha gabaabaa, jecha dheeraa, jechoota irra butaa fi kan biroos seerota afaanii hunda waan uwwisuuf sirriitti xiyyeeffannoo itti kennuun hordofaa.Daa'imman Jiruu fi jireenya isaanii keessatti kitaabilee Afaan isaaniin barreeffame sirriitti dubbifatanii waa'ee isaanii irratti yaada kennuu qabu waan ta'eef hanga danda'ametti ijoolleen barnoota isaanii kana sirriiti akka hordofaniif Maatiin deeggaruu qabu, gaaffiilee adda addaa yoo qabaatan gaafachuun isaan irraa eegama waan ta'eef karaa Imaalii wal qunnamuun barbaachisaadha.Haaluma walfakkaatuun namootni barnoota biroo qabaattanii qubee afaan Oromoo sirriitti dubbisuu fi dubbachuu hin beekne seeraan hordoftanii hanga xummuuraati yoo gaaffii qabaattan gaafachaa akkaataa barbaaddaniin itti fayyadamuu ni dandeessu.

The translation part:

Afan Oromo is the widely spoken language through the Oromo community in Africa, and it is the science and technology formulation language. Learning Afan Oromo produces children to write and read their language fluently. This language is developing in a different way, and all those who want to learn and work with it should follow it carefully and use it to speak and write it. It is especially useful for our older children to learn their language lessons properly and become easily competitive in school. It means that they can easily write whatever they want in their own language, from letters to large publications. Families need to pay close attention to this and ensure that their children follow this education. This lesson covers all the rules of grammar in detail, from counting the alphabet to following the rules of grammar correctly, short words, long words, punctuation, and others, so pay close attention. Children should follow carefully up to the end. The families should support their children to follow their lessons as well as possible. Questions Similarly, those who have other education and do not know how to read and speak the alphabet properly can follow the rules till the end, and if they have any questions, ask and use them as you wish.

Who this course is for:

  • Daa'imman Afaan Oromoo dubbisuu fi dubbachuu barbaadaniif fayyada
  • Daa'imman Afaan Oromoo Baruu Barbaadaniif Haala Salphaan Akka Barataniif Fayyada
  • Daa'imman barnoota isaanii hordofuu qofa barbaachisa